DHIMMA HAWAASAAODUU

Oduu: Itoophiyaatti rakkoon wabii nyaataa sadarkaa olaanaan dabaluun uummatni miiliyoona 4 ol beela hamaaf saaxilamuu himame

Finfinnee, Muddee 13/2023 – Rakkoon hanqina wabii nyaataa Itoophiyaa haala yaaddeessaa ta’een hammaachuu gabaasni wabii nyaataa haaraa dhaabbata Neetworkii Sirna Akeekkachiisa Duraa Beela (FEWS NET) irraa bahe ibse. 

Akka gabaasichaan ibsametti, tarkaanfiin ariifachiisaa yoo hin fudhatame hanga walakkeessa bara 2024tti namoonni miliyoona 4 ol ta’an naannolee shan keessa jiran beela hamaaf saaxilamuun isaanii hin oolu jedhe.

Biyyoota dhimma hanqina nyaataa ilaalchisee sadarkaa yaaddeessaarra argaman keessa Itoophiyaan akka argamtu kan ibse dhaabbatichi, dhiibbaa haala qilleensaa Elniinoon geessise fi walitti bu’iinsa biyyattii keessa mul’atan gadi bu’uu oomishaalee qonnaa irratti dhiibbaa olaanaa geessisuu eeruun, hawaasa biratti rakkoo diinagdee uumuu beeksiseera.

Waggoota sadan darban keessa naannolee Oromiyaa, Tigraayi fi Amaaraa keessatti sadarkaa olaanaadhaan rakkoon hanqina nyaataa mul’achuu eeruun, miseensonni maatii naannolee kunneen keessa argaman nyaata gahaa argachaa akka hin jirre ibseera.

Sababa hongee fi walitti bu’iinsa mudateen naannoo Tigraayin ala guutuu biyyattii keessatti namoonni miiliyoona 3.3 ta’an qe’ee isaanii irraa buqqa’uu isaanii gabaasni dhaabbatichaa kan ibse yoo ta’u, daa’imman hanqina nyaataa gahaa ta’een miidhamuu isaaniis ibseera.

Waggoota sadan darbanitti sababa hongeen horii hedduun du’uu hordofee jiraattonni naannoo sanaa dandamachuudhaaf waggoota hedduu akka isaan barbaachisuus hubachiisaniiru.

Akka gabaasichatti, naannolee kibbaa fi kibba baha Itoophiyaa, keessumaa naannolee horsiisee bulaa hongee bara 2020 hanga 2023 itti fufeen rakkina hamaa isaan mudateera. Iddoon hongee kun miidhaa hamaa geessise, naannoo Oromiyaa godina Booranaa fi naannoo Somaalee keessatti hawaasni 20% ol ta’u buqqa’aa ykn harka qaleeyyii horii muraasa qabaniidha jedhe gabaasichi. 

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Maatiin kunneen gargaarsa nyaataa irratti baay’ee kan hirkatan yoo ta’u, fedhii isaanii guutuuf hanga jalqaba bara 2024tti kadhannaarra turuu isaanii hin oolu jedhameera. Dabalataanis, gabaasni kun yeroo roobaa (Onkoloolessa hanga Muddeetti) lolaan cimaan uumamuu ibsuun, kunis balaa buqqa’iinsa dabalataa fi kasaaraa qabeenya daran fida jedhe.

Dhaabbatichi lubbuu miseensota maatii rakkoo wabii nyaataa isaan mudate baraaruufis gargaarsi nyaataa baay’inaan kennamuu akka qabu cimsee hubachiiseera. AS

Related Articles

Back to top button